Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Finfinnee keessaa manneen daldalaa gibira kaffaluu dadhabuun cufamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 30, 2024

Kutaalee Oromiyaa magaalota adda addaa keessatti argaman hunda keessatti sababoota adda addaa dhiyeeffachuun ilmaan Oromoo irratti roga isaaniif danda’ame maraan mirga namootaa sarbuu fi diinagdeen dadhabsiisuuf addatti immoo daldaltoota irratti kufaatii diinagdee labsuun dararaa hamaa ta’e raawwataa kan jiran yommuu ta’u, magaalaa Finfinneetti murnoonni bilxiginnaa daldaltoota irratti gatii gibiraa garmalee dabaluun manneen daldalaa cufamaa jiraachuun ibsameera.

Magaalaa Finfinnee keessatti daldaltoota sadarkaa gadaanaa irra jiran dabalatee daldaltoota cufa irratti gibira humna isaaniitii olii itti dabaluun  daldaltootni baay’een hojii isaanii hojjetanii jiraachuun waan itti ulfaateef, mana daldalaa isaanii illee cufaa jiraachuun rakkoon cimaa ta’e daldaltoota magaalichaa irra ga’aa akka jiru daldaltoonni magaalichaa dubbatu.

Kana malees, magaalicha keessaa jiraattota hundaan “waraqaa eenyummaa dijiitaalawaa baafachuu qabdu” jechuun dirqamsiisaa kan jiran ta’uunis eeramee jira.

Exit mobile version