ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Murni ilmaan Oromoo lafarraa duguugaa jiru bilxiginnaan, aangoo irra bubbuluuf badii tokko malee hawwaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii raawwachuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan Adoolessa 29, 2024 Waraanni garboonfataan imphaayerattii Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laaloo Nooraatti bobbaafamee jiru nama maqaan isaa Idiris Dassawuu jedhamu kanaan dura qabanii turan, erga reebichaa fi gochoota nama irratti hin raawwanne irratti raawwataniin booda si ajjeesuuf jennaa boolla itti awwaalamtu qotadhu jechuun erga qochisiisanii boodas rasaasaan rukutuun boollichatti gatanii jiru.
Gochi suukkanneessaan uummata nagaa irratti waraana imphaayerattiin raawwachaa jiru, uummata naannoo biratti mufii kan uume yoo ta’u, sababa lubbuun namootaa hanga bineensaa kabaja hanqateefis jiraattotni yaaddoo jireenyaa keessa galanii jiraachuun barameera.

