ONM-ABO Fulbaana 24, 2024
Faashistoonni impaayera Itiyoophiyaa abbaa hirrummaa isaanii cimsanii itti fufuun, guyyaa guyyaatti lammiilee nagaa irratti harka isaanii ol kaasuun miidhaa garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuun yeroo ammaa uummatni mirga lubbuun jiraachuu dhabuun bakka arganitti ajjeefamuun hammaataa erga dhufee bubbuleera.
Haaluma kanaan humni weerartuu impaayerattii waraana isaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Shaggaa Dinqaa jedhamu keessatti bobbaasuun Fulbaana 21, 2024 galgala toora sa’a 12:00’tti nama maqaan isaa Habiib Biraanuu Fiixee jedhamu ati ABO rifeensa buufatte fakkaatta jechuun nama nagaa hojii qonnaa hojjetee of jiraachisu osoo inni magaalaa Begiitii galuu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatani jiru.
Akka jiraattota gandichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti waranni barcuma aangoo Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman qorannoo tokko malee lubbuu namaatti qoosuun salphumatti ajjeesaa jiru jedhu.
Akkasumas gocha ajjeechaa dargaggoo kana irratti raawwatames hadheeffachuun, ofii isaaniif illee yaaddoo hamaa keessa jiraachaa akka jiranis dubbatan.
Dargaggoon kun ajjeefamuu qofa osoo hin taane erga ajjeefamee booda illee reeffi isaa maatiin akka hin kaaffanne godhaa turanis jechuun dabaluun ibsaniiru.

