ONM-ABO Adoolessa 29, 2024
Pirezidaantiin Veenzuweelaa amma aangoo irra jiran Nikolaas Maaduroo filannoo pirezidaantii biyyattii Dilbata gaggeeffameen akka injifataan labsamuu isaanii itti gaafatamaan Mana Maree Filannoo Biyyaalessaa Veenzuweelaa (CNE) himan.
Ibsa isaanii keessatti Elvis Amorosoon waraqaan sagalee %80 akka lakkaa’ame ibsuun, kaadhimamaa garee jaalala biyyaa guddicha (Gran Polo Patriyótikoo) kan ta’e Maaduroon kaadhimamaa 10 keessaa dorgommii pirezidaantummaa irratti injifannoodhaan akka ba’e labseera.
Akka bu’aa jalqabaatti Maaduroon sagalee %51.2 argachuun injifannoo isaa sadaffaa mirkaneesse.
Kaadhimamaan gamtaa mormitootaa Yunaayitid Democratic Platform (PUD) kan ta’an Edmundoo Goonzaález Urrushiyaa %44.2n sadarkaa lammaffaa qabateera.
Bu’aan filannoo kanaa bal’inaan marsariitii CNE irratti akka maxxanfamu Amorosoon himaniiru.
Hirmaannaan filattotaa %59 akka ta’e hubatameera.
Kaadhimamaa injifate kun Amajjii 10, 2025 pirezidaantii ta’uun kakata jechuun Anaadooluun gabaaseera.

