Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti ergamtootni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Hagayya 1, 2024

Murni “aangoo of harkaan qaba” jedhu Bilxiginnaan Abiy Ahimed imphaayera Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo yakka tokko malee sobaan yakkuun adamsee qabuun ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu cimsee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti gochoota sukkanneessoo raawwachuu itti fufuun namoota naga hidhuu fi hiraarsuu itti fufee jiraachuun ibsameera.

Ganda Guutee Amuumaa jedhamuun beekamu keessaa Adoolessa 26, 2024 nama maqaan isaa Obbo Darajjee Gazzaany jedhamu badii tokko malee “ilma keetu bosona jira” jechuun mana hidhaatti darbachuun garmalee dararaa hamaa irraan geessisaa jiraachuu maddeen keenya eeran.

Akka maddeen keenya kun himanitti, wayita ammaallee waraanni sirnichaa badii tokko malee uummata nagaa qabuun mana hidhaa aanichaatti guuraa jiraachuu fi maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun namoonni baay’een badii tokko malee waggaa tokkoo oliif mana hidhaatti hiraarfamaa akka jiran dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version