Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Bahaa aanaa Baddannootti murnoonni bilxiginnaa dargaggoota dararuu itti fufan

ONM-ABO Hagayya 7, 2024

Murnoonni bilxiginnaa hawaasa Oromoo dararuu qofa hojii idilee isaanii godhachuun addatti immoo dargaggoota Oromoo dararuuf bobbaafamanii duula duguuggaa sanyii labsuun olaantummaa abbaa irrummaa isaanii mirkaneessaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Harargee Bahaa aanaa Baddannootti murnoonni bilxiginnaa dargaggoota irratti gochoota suukkaneessoo raawwachuu itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Magaalaa Furdaa jedhamu keessatti Hagayya 5, 2024 dargaggoo Mahaammad Aliyyii jedhamu irratti gochaa suukkaneessaa kantiibaan magaalaa Furdaa irratti raawwate hamaa ta’uu jiraattonni magaalichaa balaaleffachuun himanii jiru.

Kantiibaan magaalaa Furdaa kun akkuma duraan gochoota suukkaneessoo uummata irratti raawwachaa ture ammas itti fufuun, dargaggoota hedduu mana hidhaatti darbachuun reebicha hamaa ta’e irratti raawwataa akka barbaadetti oliif gadi oofee akka ilmoo bineensaatti gochoota hamoo ta’an raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version