ONM-ABO Hagayya 9, 2024
Gareen abbaa irree hawaasa nagaan jireenya isaa geggeefatu, aanota ollaa irraa walitti dhufuun wal irraa bitee walitti gurguru maqaa fuula haaraa, jedhuun ajjeesuuf reebuu hammeessanii jiru.
Haluma kanaan Hagayya 6, 2024 aanaa Martii ganda Dambaqaa Iftuu jedhamu keessatti nama maqaan isaa Tolaa Ibrahim Kaliiloo jedhamu kan dhalootaan Arsii Bahaa aanaa Gunaa ganda Re’ee Arbaa ta’e, hojii humnaa hojjechuuf aanaa Martii dhufnaan maqaa fuula haaraa jedhuun rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen gabaasan.
Akka maddee jedhanitti akka aanaa kanaatti dararaan waraana garboomfataa PP’n nurra ga’aa jiru kan abdii nama kutachiisuudha jechuun, uummatni Oromoo lafa jiruu tokkummaan ka’ee akka falmatu dhaamsa dabarsaniiru.

