Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee, Yamaaloogii Walal, Anfilloo fi Arsii Bahaa aanaa Siree  keessatti diina adabe

ONM-ABO Hagayya 9, 2024

Gootichi WBO Zoonii Lixaa Hagayya 7, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda seertumii jedhamutti waraana faashistii PP bulchiinsa magaalaa Harroojjii irraa maqaa sakkattaan bobbaate haxxee itti hidhuun du’aaf madoon adabee jira.

Lola kanaanis, Qawwee AKM 3 dugda diinaa irraa hiikuun moonaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Dabalataan, aanaa Yamaaloogii Walal ganda Daallee Saasiitti osoo isheen konkolaataan raashina fe’attee Dambii Doolloo irraa gara Garjeedaatti imalaa jirtuu tarkaanfii laalessaa fudhateen du’aaf madoon adabee jira.

Akkasumas aanaa Anfilloo ganda Geellaa bakka addaa Gewwer jedhamutti tarkaanfii laalessaa humna diinaa irratti fudhateen du’aaf madoon adabee jira.

Akkasumas, WBO’n Zoonii Kibba Bahaa godina Arsii Bahaa aanaa Siree keessatti Cibiraan Ambaa Aanoolee dheengadda Hagayya 7, 2024 diina maqaa sakkattaa WBO’n bobbaatee qe’ee uummataa gooluuf bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen oliif gadi kaachisuun du’aaf madoon adabee gara magaalaa irraa dhufte Dooniitti deebisee jira.

Exit mobile version