Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Hagayya 10, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yaarerii fi magaalaa Muggii keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen humna diinaa du’aa fi madoon adabeera.

Lola har’a Hagayya 10, 2023 ganama barii sa’a 12:00 irraa qabuun hanga sa’a 3:00tti tarkaanfii fudhateen humna diinaa irraa 15 ajjeesuun 25 madoo taasiseera.

Reeffi waraana bilxiginnaa waaree dura bataskaanaa fi masjiida magaalaa Muggiitti awwaalameera.

Lola ganama irraa qabuun ganda Yaarer keessatti geggeeffameen battala lolaa lama irraa buqqisuun 45 yoo ajjeesu 62 madeessee jira.

Humni diinaa tarkaanfii aanaa Anfilloo keessatti irratti fudhatamaa jiruun rifaatuu keessa seenuun humna dabalataa fe’aa jiraachuun barameera.

Torbee kana keessa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii jajjabduu godina Qellem Wallaggaa keessatti kan fudhate yoo ta’u Wiixata fi Kibxata darbe aanaa Sayyoo ganda Alakuu Sanaagaa fi naannowaa isheetti fudhateen humna diinaa irraa 80 ol ajjeesuun 113 madeessee jira.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version