Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessaa diina qulqulleessuu eegalan injifannoo gonfachaa jira

WBOn Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessaa diina qulqulleessuu eegalan injifannoo gonfachaa jira.

ONM-ABO 5 Amajjii 2023 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO tarkaanfii laalessaa waraana bilxiginnaa irratti fudhachuun diina aanota keessaa qulqulleessuu itti fufeen Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessaa magaalaa tokko dhuunfate.

Lola jabaa har’a ganama Amajjii 5, 2023 barii sa’a 12:00 irraa qabuun magaalaa Muggii fi Ashiitti jalqabeen yeroo gabaasni kun qindaa’etti magaalaa Ashii guutummaatti waraana bilxiginnaa irraa qulqulleessee jira.

Lola magaalaa Muggii mooraa garaagaraa keessatti taasifamaa jiruun ammoo mooraa waraana faashistii Abiy Ahimed ganda 02 keessa jiru keessaa du’aa fi madoon adabuun yoo qulqulleessu waraana bilxiginnaa Gamoo abbaa Kulee qabatee dishqaan golgaa gochaa turan baazuqaan rukuchuun tamsaaseera.

Humna dabalataa magaalaa Dambii Doolloo irraa gara Muggiitti dhufaa turte aanaa Sayyoo ganda Maaxaatti adabaa jira.

Lola kanaan baay’ina diinaa du’e, madaa’ee fi meeshaalee argaman akkaataa lolli xumurameen isiniif dhiyeessina.

Injifannoon Uummata Oromoof

Exit mobile version