Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn, abdii fi gaachanni uummata Oromoo godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo guutuutti dhuunfate

WBOn, abdii fi gaachanni uummata Oromoo godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo guutuutti dhuunfate.

ONM-ABO 5 Amajjii 2023 Haleellaan xiyyaara waraanaa diroonii, dhukaasni sagalee dishqaa, bireenaa, isnaayipperaa, qawwee AKM turkii fi RPGn kan isa hin baaregsine diigaan tulluu garbummaa, gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn lola jabaa ganama kana loltoota faashistii Aniyyaa Ahimed waliin godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti taasisaniin guutuutti aanicha dhuunfataniiru.

Har’a ganama Amajjii 5,2023 barii sa’a 12:00 irraa qabuun tarkaanfii jabaan magaalaa Muggii fi Ashii kanneen magaalaa guddittii godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doollootti kiiloomeetira 42 hin caalle irra jiran lamaan irratti rasaasa akka bakakkaa itti roobsuun irriba irraa baaragsee kan simate, jajjabeen WBO diina ilmaan Oromoo hedduu ajjeesee gariin madeessee meeshaalee garaagaraa dhuunfateera.

Lola kanaanis loltootni bilxiginnaa 65 yoo ajjeefaman 96 madaa’uun 25 harkaan qabamaniiru.

Meeshaalee waraanaa qawwee AKM 102, baazuqaa 1, meeshaalee dishqaa garaagaraa, boombii harkaa, hidhannoo, konkoolataa 3F waraanaa 10 fi meeshaalee waraanaa boodatti hafoo dugda diinaa irraa booji’uun qallaba diina fe’ateera.

Kana malees hawaasa nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun baadiyaa fi magaalaa irraa qabamanii waajjira poolisiitti hidhamanii jiran 100 ol waanjoo bilxiginnaa jalaa baasuun bilisaan gara maatii isaaniitti akka galan taasise.

Mooraa waraanaa diinaa gubee barbadeessuu hanga caasaa isaanii ilmaan Oromoo ajjeesuuf diriirfame diiguutti hojii boonsaa hojjetee jira, abdii fi gaaddisni uummata Oromoo, WBOn.

Guyyaa har’aa kana lola humna reebduu magaalaa Dambii Doolloo irraa dhufa turte ganda Maaxaa irratti loluun hanga magaalaa Dambii Doollootti ari’anii 35 irraa ajjeesuun 53 madeessanii, qawwee AKM 15 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti hafteen waraana Abiy Ahimed karaa ganda Gobbii baqachuun miilaan gara Dambii Doollootti imalaa jirti.

WBOn hojii caasaa qulqulleessuu itti fufuu magaalaatti to’atee kan jiru yoo ta’u murni bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa diroonii jedhamuun magaalaa Muggii ganda 02 karaa lammaffaa dugda duuba Gamoo abbaa Kuleetti taasiseen qabeenya namootaa irraan miidhaa qaqqabsiisee jira.

Lolli bilisummaa Oromiyaa mara keessatti finiinee itti fufa!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version