ONM-ABO Hagayyaa 13, 2024
Qabsoo uummanni Oromoo diddaa garbummaatiif qeerroo fi qarree kuma shanii ol ta’an kichuu itti gabbare, fakkaattonni Oromoo paartii badhaadhinaa jedhuun of waaman bu’aa qabsichaa butuun akka waan dhugaa uummata Oromoo hin beekneetti har’a dadhabbii dhalootaatti bishaan naquun uummata Oromoo gaaga’ama hamaa kaffalchiisaa jiru.
Waraana naamusaa fi dandeettii waraanummaa hin qabne hawaasa keessa bobbaasuun gidiraa barootaaf uummanni Oromoo argee hin beekne irratti raawwachiisaa kan jiran murni PP godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Hafaa Qamalee jedhamu keessaa maanguddoota shan hidhanii hiraarsaa jiraachuun beekame.
Hagayya 8,2024 maanguddoota maqaan isaanii:
- Obbo Siidaa Idoo,
- Obbo Bulii Beenyaa,
- Obbo Battee Dabalee,
- Obbo Abuu Nagaasaa fi
- Obbo Malkaa Bajigaa jedhaman hidhattoonni sirnichaa qabanii mana barumsaa ganda Hafaa Qamaalee mooraa godhatan keessatti guyyootaaf hidhanii gidirsaa akka jiran dubbatan.
Bulchaa gandaa kan ta’e namni maqaan isaa Tolaa Boonsaa jedhamu waraana qabatee hawaasa keessa naanna’uun gosa kootu tuqame, kanaaf gosa biraa hin dhiisu jechuun hawaasa gosaan walitti buusuuf dhaadachaa fi doorsiisaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Aanichuma jalatti kan argaman gandoota Jajjabaa fi Waldaa Hafaa Qamalee keessattis haaroomsa jechuun uummanni torban lamaaf leenjii fudhachaa turan shira malee bu’aa hin qabu, homaa nu hin barsiisne jechuun harkaa didanii gara qe’ee isaaniitti galanii jiraachuun barameera.

