Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maanguddoo tokko hidhanii dararaa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Maanguddoota Oromoo silaa kabajni maluuf, ergamtoonni Bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa hawaasichaa hin beekne ammoo qooda kabajaa kennaniif salphisuun dararaa ulfaataa irraan gahuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Jiraataa aanaa Dugdaa ganda Bayimoo Guusaa kan ta’e maanguddoo Obbo Lammii Leenjisoo jedhamu ergamtoonni sirnichaa torban darbe keessa qabuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Lammiin maanguddoo jaarsa biyyaa abbaa daa’imman 14 ta’uu himuun, innis badii kan hin qabnee fi kanaan duras qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun dararaa ulfaataa irraan gahaa turuu dubbatu.

Exit mobile version