ONM-ABO Bitootessa 16, 2025
Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessaa Bitootessa 14, 2025 maanguddoo ganna 65 olii nama maqaan isaa Obbo Warqinaa jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta” jedhuun mana hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti maanguddoon kun jaarsa biyyaa kan ta’ee fi jiraattota naannichaa biratti jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa garuh sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Teessuma siyaasaa nam-tokkee tiksuuf qofa goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman loltoonni Bilxiginnaa, ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararuu itti fufanii jiru.

