Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Konkolaachistoonni meeshaalee adda addaa Finfinnee irraa gara kutaalee Oromiyaatti geejjibsiisan godina kaaba Shaggar fi Wallootti waraana garboomfataa PP’n danqamaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayyaa 13, 2024

Waraanni faashistii PP aangoo fi afaan qawwee isaaniitti gargaaramuun danqaa adda addaa uummata Oromootti uumaa akka jiran kan beekamu yoo ta’u, waraanni seeradhablummaan gubbaa hanga gadiitti keessatti dagaagee jiru kun akkaataa ittiin saamicha raawwatan soquun guyyuu rakkoo uummatatti uumaa jiru.

Bifuma kanaan konkolaachistoonni handhuura Oromiyaa Finfinnee fi kutaalee Oromiyaan qabdu Kaaba Shaggar aanaa Darraa fi kanneen biroo akkasumallee gara godina Wallootti deddeebiin meeshaalee dhiyeessan erga baatii lamaatii konkolaataan baay’inni isaa 280 ol ta’u waraana faashistii PP’n akka hin sochoone danqamanii jiraachuun beekameera.

Kaayyoon saamicha sirna PP kun waraanaan eegamtanii malee daandii hin deemtan jechuun akka waan abbootii qabeenyaaf yaadanitti konkolaataa tokkorraa qarshii 1000 harkaa fuudhaa akka jiranis ifoomsaniiru. 

Maallaqa saamuun cinaattis namoonni erga ji’a sadiitii hojii malee maaliif dhaabbanna yeroo jedhanitti, waan isiniin jennu qofaa godhaa ergama Waraana Bilisummaa Oromoo waan qabdaniif rakkoo uumuu barbaaddu jechuunis doorsisaa akka jiran ONM odeeffateera.

Exit mobile version