ONM-ABO Caamsaa 16, 2025
Rakkoo gama jireenyaan jechuun gama miindaa fi faayidaa ga’aa dhabuun impaayerattii keessatti isaan mudate irraa ka’uun ogeessonni fayyaa fi barsiisonni mormii sirnichaaf qaban gama maraan agarsiisaa kan jiran oggaa ta’u, mormii ka’e dhaamsuuf ammoo sodaachisni adda addaa fi hidhaan humnoota waraanaa sirnichaan irratti raawwachaa kan jiruun cinatti, walga’ii waamuun doorsisa geggeessuun cimee itti fufeera.
Kaaba Oromiyaa godina Wallootti guyyaa har’aa Caamsaa 16, 2025 waltajjii ariifachiisaa jechuun kaadiroonni sirnichaa barsiisota sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee hanga sadarkaa olaanaa fi ogeessota fayyaa guutuu waamuun doorsisaa fi dararaa adda addaa irratti raawwachaa akka turan maddeen keessoo sirnichaa ONM’f eeraniiru.
Hojjettoota mootummaa dhimma jiraachuuf gaaffii daabboo gaafatan gaaffiilee isaanii gara dabarsee gara qaamolee siyaasaa impaayerattii keessatti argaman waliin walitti hidhuun akka isaan ergama biroof socho’aniitti akeekee sodaachisa raawwachaa kan jiru ta’us, ogeeyyiin fayyaa gaaffiileen keenya dhimma lubbuun jiraachuu waanta ta’eef sodaa tokko malee of-kenninsaan ni falmanna jechuun mormii sirnichaaf qabanis agarsiisaa jiraachuun cinatti, mormiin isaa barsiisota adda durummaan yeroo dhiyootti ni haammata jedhamee eegama.
Walga’ii guddaan kunis bulchiinsa magaalaa Kamiseetti walitti dhufuun adeemsifamaa kan ture oggaa ta’u, kaayyoon walga’ichaas sodaa guddaa mormii hawaasa hirmaachisutu boodaan dho’uu mala kan jedhuun ta’uun, barnoonni akka guutuu godinichaatti hafuu fi hospitaalonni banaa turanis cufamanii akka oolan itti dabaluun ONM’if eeraniiru.

