Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtootni Abiy Ahimed Baha Shaggar Aanaa Dugdaa Hospitaala magaalaa Maqii keessatti oggeessota fayyaa waltajjii baasuun doorsisa irratti geggeessuun barame

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Gareen yaada uummataa humnaa fi doorsisaan ukkaamsuu tooftaa godhate gaaffii ogeeyyootni faayyaa hiriiraan ba’anii gaafataniif deebii kennuu irra gaaffii isaanii isa sirriitti maqaa adda addaa itti kennee karaa loltoota Facebook isaan dubbachuu irra darbee buufataa fi hospitaalota jiran keessatti  ogeessota kanneen waltajjii waamuun doorsisaa jira.

Haaluma kanaan aanaa Dugdaa Hospitaala magaalaa Maqii keessatti kaleessa Caamsaa 9, 2025 ogeessota fayyaa dirqiin waltajjii baasuun yoo hiriira geggeeffamaa jirutti hirmaattan isin hiinaan itti dhaadachaa turuu maddeen gabaasan.

Doorsisni kun kan dhufes diddaa ogeeyyii fayyaa walitti fufiinsaan geggeeffamaa jiruu fi bakkoota baay’ee haammachaa jiraachuu hordofee yoo ta’u, doorsisni isaanii kun garuu ogeeyyota kana akka duubatti hin deebisne dubbatamaa jira.

Guyyaa 25 dura gaaffii 12 ogeeyyotni faayyaa deebii irraa barbaanna jechuun Abiy Ahimed fi Ministeera Fayyaaf dhiyeessanis hanga osoo deebiin Bilxiginnaa irraa hin argamin Wiixatni guyyaan dhumaa Caamsaa 13 ga’aa jira.

Gaaffii ogeeyyiin kun waggaa 6 dura Abiy Ahimediin gaafatanii deebii dhabuun har’a ga’an kana gara dabarsuuf finciltootatu duuba jira, ergaa Masrii qabu, Eertiraadha, WBO’dha, diina seenaa waliin taatanii, siyaasa gaawoniiti jechuun itti qoosaa jira.

Yeroo ammaa kana lafa irratti ammoo sodaa keessa galuu fi akka hin babal’anneef garee kana to’atu dhaabuun hospitaalaa fi buufataalee cufuun waltajjii geggeessuun doorsisa raawwachaa jiruun cinaatti Finfinnee, Walaayittaa Sooddoo, Sidaamaatti fi bakkeewwan birootti hidhaa fi reebicha raawwataniiru.

Diddaa ykn gaaffiin mirgaa kun barsiisota birattis eegaluu danda’a yaada jedhuun guyyaa kaleessaa manneen barnootaa keessatti jaleewwan Abiy Ahimed waltajjii doorsisaaa geggeessaa turuun ni beekama.

Exit mobile version