ONM-ABO Caamsaa 23, 2025
Mormii fi lagannaa hojiii ogeessonni fayyaa impaayerattii guutuutti taassisaa jiran hordofee bakkeewwan tokko tokkotti mariin ogeessota fayyaa hirmaachise murna Bilxiginnaan adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, sirnichi bu’uura irraa gaaffiilee isaaniif deebii waaraa kennuu irra doorsisa qofa irratti fuulleffachuun bakkeewwan tokko tokkotti ogeessonni fayyaa hidhamuun ni beekama.
Ministeerri Fayyaa impaayerattii hooggansaa fi bakka bu’oota waldaalee ogeessota fayyaa waliin haala yeroo kenniinsa tajaajila fayyaa akkasumas dhimmoota ogeessaa irratti Caamsaa 16, 2025 marii kan geggeesse yoo ta’u, gaaffiileen qabxiilee adda addaa of keessaa qabu tokkoyyuu deebii osoo hin argatin hidhaa fi doorsisa itti fufuun, Caamsaa 21, 2025 godina Baalee Lixaa aanaa Gobbaa hospitaala waliigalaa onichaa keessaa osoo ogeessonni fayyaa yaalii baqaqsanii wallaanuu taassisaa jiranii humnoonni waraanaa sirnichaa ogeessota hedduu qabanii akka hidhan ibsameera.
Ogeessonni yaalii baqaqsanii wallaanuu raawwachaa jiranis humnoota waraanaan qabamuu hordofee dhukkubsataan kutaa yaalii baqaqsanii wallaanuu keessa jirus hanqina ogeessotaan lubbuun akka darbe maddeen gamasii ONM’f eeraniiru.
Kana malees Caamsaa 20, 2025 konkolaataan deddeebisaa uummataa aanaa Dalloo Mannaa irraa uummata fe’ee gara bulchiinsa magaalaa Roobeetti imalaa ture aanaa Gobbaa bakka addaa Allooshee jedhamutti kan kufe oggaa ta’u, hawaasni konkolaataa sana keessa tures hanqina ogeessotaan yaalii dhabanii lubbuun namoota hedduu guyyaa guyyaan darbaa akka jirus ibsameera.
Bilxiginnaan gama miidiyaa isaan bahee haalli gaaffiileen ogeessota fayyaa “karaa sirrii fi seera qabeessa ta’een” akka deebi’uuf irratti mari’atamaa jira jedhee ibsus, deebiin kennamuu dhabuu hordofees tajaajilli hawaasaaf kennamu hanqachuu irraa kan ka’e lubbuun namootaas darbaa jira.

