Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti waraanni imphaayera Itiyoophiyaa manneen uummataa gubuu itti fufe

ONM-ABO Hagayya 14, 2024

Dinagdee saba Oromoo quucarsuudhaaf jecha duula qabeenya hawaasaa barbadeessuu irratti kan bobba’anii jiran loltoonni sirnichaa goleewwan Oromiyaa hunda keessaa hawaasa nagaa jalaa qe’ee fi qabeenya uummata nagaa barbadeessuu hojii idilee isaa godhatee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, Hagayya 13, 2024 Waraanni faashistii PP godina Baha Wallaggaa  aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee jedhamutti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta” jedhu itti maxxansuun mana Obbo Falmataa Jimaa  qabeenya inni manaa qabu hunda waliin   abiddaan barbadeessuu isaanii maddeen keenya eeranii jiru.

Akka maddeen keenya kun himanitti, Obbo Falmataan nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu ta’uun, waqtii gannaa kanaan qe’ee isaa gubanii mancaasuun bakkee irratti dhimmuu gannaa keessatti gatuun isaanii kun gara jabeenyummaa isaanii agarsiisa jechuun ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version