Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti maanguddoonni  ji’oota hedduuf garmalee dararamaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Hagayya 14, 2024 

Tiksitootni bilxiginnaa dhiiraa fi dubartii, guddaa fi xiqqaa, beekaa fi wallaalaa, jaarsaaf jaartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda jumlaan qabuun hidhaatti darbatanii akkuma duraan aadeffatanitti  dararaa hamaa raawwachaa jiraachuu itti fufanii  jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa  aanaa Limmuutti maanguddoonni hedduun ji’ootaaf garmalee dararamaa jiraachuun ibsamee jira.

Sababa tokko malee yakka irratti bocachuun maanguddoota hedduu “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhanii hiraarsaa kan jiran murnoonni bilxiginnaa, aanaa Limmuutti manguddoota ganna 70 olii kan ta’an Obbo Hundee Galataa fi Obbo Waaqwayyaa kanneen jedhaman hidhanii dararaa jiru.

Maanguddoonni ji’oota hedduuf waajjira poolisii aanaa Limmuu magaalaa Galiilaa keessatti dararamaa jiran kun dhukkuboota adda addaaf saaxilamanii yaala tokko malee miidhamaa kan jiran ta’uu jiraattonni magaalichaa himanii jiru.

Exit mobile version