ONM-ABO Hagayya 17, 2024
Moskoon Jimaata kaleessaa naannoo Raashiyaa Kursik keessatti loltoota Yukireen waliin lolli itti fuftee akka jiru beeksifte.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibsa kenneen akka jedhetti, kutaaleen humnoota garee Kaabaa ijaarsa hidhannoo Yukireen naannoo Raashiyaa keessaa dhiibuu itti fufaniiru.
“Haleellaan Raashiyaa kun diroonii fi dhukaasa meeshaa waraanaa humna namaa fi meeshaalee Yukireen walitti qabaman, addatti kutaalee makaanaayizeeshinii lama, birgeedii haleellaa humna waraanaa Yukireenii fi birgeedii Eegdota Biyyaalessaa irratti xiyyeeffate.
Yaaliin humna dabalataa fiduuf godhames fashalaa’eera,” jechuun ibsaniiru.
Naannolee qubsuma Yunakovkaa fi Miropole keessatti haleellaan misaa’elaa sirrii ta’e sirna rookkeettii furguggifama dachaa HIMARS kan Ameerikaan hojjetame sadii, konkolaattota geejjibaa fe’an lamaa fi konkolaattota eegduu lama barbadeessuu ibseera.
Akka ministeerichi jedhutti loltoota Yukireen humna namaa fi meeshaalee waraanaa irratti kasaaraa guddaan mudateera.
Torban darbe keessa humnoonni aviyeeshinii fi misaa’elaa Raashiyaa meeshaalee waraanaa fi diroonii sirrii ta’een haleellaa qindoominaan 17 dhaabbilee waraanaa-industirii Yukireen, bu’uuraalee dirree xiyyaaraa fi iddoowwan diroonii haleellaa walitti qabuu fi kuusan irratti raawwachuu isaanii ibsichi dabalee addeesseera jechuun CNN gabaaseera.
