Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Moskoon akka jettetti Yukireen haleellaa daangaa qaxxaamuraa Raashiyaa keessaatti bante

ONM-ABO Hagayya 7, 2024

Loltoonni Yukireen irraa gara 300 ta’an Kibxata kaleessaa haleellaa daangaa qaxxaamuraa kan raawwatan yoo ta’u, naannoo Raashiyaa keessaa hanga maayilii jahaa (10km) gadi fageenya qabdu keessatti lola akka raawwatte gabaafameera.

Ministeerri ittisaa Moskoo Kibxata galgala akka jedhetti,  “hidhattoonni Yukireen 300” birgeedii makaanaayizeeshinii Yukireen 22ffaa irraa dhufan, haleellaa kana ganama kan jalqaban yoo ta’u, “taankii 11 fi konkolaattota lolaa hidhannoo qaban 20 ol ta’aniin” deeggaramaniru jedhan.

Lolli guyyaa guutuu gandoota daangaa adda addaa gidduutti, akkasumas hanga Raashiyaa keessaa sarara fuulduraa irraa 10km fagaatteetti adeemaa ture.

Raashiyaan weerara kana ofirraa deebiseera jettus, gabaasaaleen biloogarota waraanaa Raashiyaa fi fakkiiwwan miidiyaa hawaasaa irratti mul’atan akka agarsiisanitti, haleellaan Yukireen hangam itti fufuu akka danda’u ifa ta’uu baatus walxaxaadha jedhan.

waraanaa Raashiyaa beekamaan, Kibxata galgala akka jedhetti, haalli lola aanaalee daangaa keessatti geggeeffamaa jiruun walxaxaa ta’ee jira jedha.

Sun ibsa jalqabaa ministeera ittisaa Moskoo kan haleellaa kana ofirraa deebiseera jedhe irraa faallaa ture. 

“Gareen sabotage Yukireen kasaaraa erga mudatee booda gara naannoo isaatti duubatti deebi’e, loltoonni tokko tokko ammoo kallattiin naannoo daangaa mootummaatti dhihoo jiru irratti miila qabachuuf yaalan, bakka kutaalee waraana Raashiyaatiin ugguraman,” jechuun ibsi ministeerichi baase  .

Hooggantoonni siyaasaa Yukireen fi Ministeerri Ittisaa haala kana irratti battalumatti yaada hin kennine, garuu qondaalli xiqqaan tokko haleellaan kun raawwatamaa akka jiru beeksiseera jechuun The Guardian gabaaseera.

Exit mobile version