ONM-ABO Hagayya 17, 2024
Dhaabbanni Oduu Rooyiters akka dubbisiisetti al-ergitoonni Jarmanii walakkaa waggaa jalqabaa keessatti meeshaalee Chaayinaa caalaa gara Poolaanditti gurguruu isaanii xiinxalli Jimaata kaleessaa agarsiise. Kunis milkaa’ina sochii adda addaa dhaabbilee gurguddoon Jarmanii hirkattummaa isaanii hir’isuuf yeroo ilaalan agarsiisa jedhame.
Dhaabbileen gurguddoon Jarmanii dameewwan akka meeshaalee industirii fi konkolaataa irratti al-ergii ergan yeroo dheeraaf utubaa dinagdee biyyattii ta’anii kan turan yoo ta’u, caalmaa daldalaa cimaa isheef sababa ta’u. Garuu waldhabdeen dhiheenya kana Chaayinaa fi biyyoota dhihaa gidduutti uumame jijjiirama xiyyeeffannoo tarsiimoo al-ergii fideera.
Ragaan garee lobbiin Jarmanii fi baha Awurooppaa gidduutti daldala Jarmanii fi baha Awurooppaa guddisuuf kaayyeffate Koree Hariiroo Diinagdee Awurooppaa Bahaa Jarmanii irraa argame akka agarsiisutti, ji’oota jahan jalqabaa bara kanaa keessatti meeshaaleen gara Poolaanditti ergaman %4.6 guddachuun Yuuroo biiliyoona 48.4 (Doolaara biiliyoona 53.2) gaheera.
Faallaa kanaatiin, al-ergiin gara Chaayinaa kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu %2.7 gadi bu’uun biiliyoona 48.2 akka ta’e gabaasni kun ragaa duraa waajjira istaatistiksii Jarmanii irraa argame irratti hundaa’uun ni mul’isa.
Haala kanaan Poolaandi gabaa gurgurtaa indaastirii al-ergii Jarmaniif barbaachisoo ta’an keessaa sadarkaa 4’ffaa irratti kan ol baate yoo ta’u, Chaayinaan ammoo gara sadarkaa 5’ffaatti gadi buuteetti jechuun Rooyiters gabaaseera.

