Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbeetti miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa lama gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan

ONM-ABO Hagayya 19, 2024

Murni gabroomfataan PP loltoota isaa bobbaasee dargaggoota Oromoo dirqamaan ukkaamsee gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa kan turee fi jiru ta’us dargaggoon Oromoo kaayyoo badii sirnichaa baran mooricha keessaa badaa jiru.

Kanumaan wal-qabatee  loltootni PP mooraa badii sirnichaa keessatti wal amanuu dadhabuun ija shakkiin wal ilaalan dhiibbaa sirnichi gochaa jiru jibbuun qawwee fi hidhannoon gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbeetti miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii lama gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiraachuun ibsameera.

Hagayya 18, 2024 miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii lama shira mooraa PP keessatti adeemsifamuu fi gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwataa oolu ilaaluu dadhabuun Bilxiginnaa balfanii qawwee fi hidhannoo mudhii guutuu waliin aanaa Gaawoo Qeebbee irraa harka kennatanii jiraachuun himamee jira.

Miseensonni waraana PP duraanii kunneen akka jedhanitti, kunuunsa gaarii isaaniif godhametti gammaduun cinaatti, ilaalchi isaan duraan Waraana Bilisummaa Oromoo irratti qabanii fi dhaga’aa turan soba ta’uu isaa hubachuun gara daandii haqaa fi kaayyoo dhugaatti dhufuu isaaniif  gammadaniiru.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 2, boombii F1- 4 fi rasaasa 310 fiduun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa beeksisee jira.

Dhuma irrattis warreen mooraa diinaa keessa jiran hubannoo fi ilaalcha dogoggoraa PP’n oofu dhaga’uu dhiisanii gara imaltuu kaayyoo dhugaa kan ta’e gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii akka harka kennatan miira xiiqiin guutameen dhaamaniiru.

Exit mobile version