ONM-ABO Hagayya 18, 2024
Impaayera bututtuu jiguuf geesse suphuuf kan dhama’u gareen nama nyaataan bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata nagaa dirqamsiisuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun irra deddeebiin kan mul’atuudha.
Haaluma kanaan Hagayya 16, 2024 waraanni fi kaadiroonni PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaalogii Walal ganda Akuukkuu jedhamutti abbootii warraa namoota saddettamaa ol dirqamaan walitti qabuudhaan miliishaa taasisuuf jecha gara magaalaa Tajjoo jedhamutti geessuu maddeen keenya himan.
Akka maddeen keenya himanitti, namoonni dirqamaan milishaa taasifamuuf qabaman kunneen baay’een isaanii abbootii maatii fi yeroo ammaa dhiira kan ta’e martuu ba’ee galuuf iyyuu yaaddoo hamaa keessa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

