Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti waraanni murna bilxiginnaa uummata nagaa humnaan qabuun leenjii waraanaa fi milishummaaf qopheessaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 21, 2023

Dirreen Oromiyaa erga harka saamtotaatti  kuftee kaasee ilmaan Oromoo nagaan qe’ee isaanii irra jiraachuun itti ulfaachuun murnoota aangoo of harkaa qabaniif barcuma tiksuuf humnaan qabamanii gara dirree waraanaatti ergamaa fi milishaa ta’aniif du’aa turan ammas gochi kun irratti raawwataa jira.

Akka kanaanis kaleessa Hagayya 20, 2023 godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo irraa ganamaan waraanni murna bilxiginnaa aanaa Sayyoo ganda Shogoo fi Aaddootti kallattii sadiin sochii taasisuun uummata nagaa hojjetanii ofii fi maatii isaanii jiraachisan milishaa fi waraana taatu jechuun humnaan qabanii deeman.

Waraanni  faashistii kun gandoota kanneen kan seenan mooraa magaalaa Dambii Doolloo ganda 02, fi 07 lafa bashannanaa  jedhamu, mooraa Chaayinaa fi aanaa Sayyoo ganda Dullii jedhamu irraa sochii taasisaniin uummata nagaa manneen irra deemuun dargaggootaa fi abbootii warraa ari’anii qabaa turuu maddeen himan. 

Uummatni gandoota kanneenii maaliif nu qabdu, fedhiin keenya waraana ta’uu mitii fi ilmaan keenya kanaan dura deemanii lubbuun hin deebine, hin dhaqnu jedhanis isin ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun reebaa gara magaalaa Dambii Doolloo fi mooraa waraanaa Dulliitti geessuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version