ONM-ABO Hagayya 20, 2024
Impaayerattii keessatti hawaasa jireenya dhuunfaa isaa jiraatu fedha tokko malee dirqiin ukkaamsuun qabanii gara mooraa leenjiitti guuruun kan amaleefatame yoo ta’u, namoota dalagaa guyyaa hojjechuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan bakka arganitti hojii idilee isaanii irraa qabuun mooraa leenjiitti guuruun oomisha hawaasaa akkaan miidhaa jiru.
Haaluma kanaan, Hagayya 18, 2024 magaalaa Asoosaa cufa keessaa dargaggoota sabaan Oromoo ta’an irratti xiyyeeffachuun humnaan qabanii waajjira poolisii magaalichaa bulchuun guyyaa kaleessaa ganama jechuun Hagayya 19, 2024 ammoo konkolaataa Taataa jedhamu ja’aan gara mooraa leenjii waraanaatti ol fe’aa turuu jiraattonni magaalichaa ONM’f eeraniiru.
Dargaggoonni dirqiin funaanaman kunneenis namoota hojii garaa garaa hojjechuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyeeffatan yoo ta’an, abbaan maatii hojii guyyaa hojjechuun jiraatu illee keessatti akka argamuu fi egeree ilmaan isaanii rakkinaa fi kadhaaf saaxilaa jirus jedhaniiru.
Magaalicha keessaa ilmaan Oromoo qooduun badii tokko malee qabanii hidhuun mana hidhaatti garmalee dararuu fi qarshii hedduu gaafachaa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

