ONM-ABO Hagayya 23, 2024
Gareen gabroomfataa PP, duula duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti labsuun addatti dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffatee lafarraa fixuuf bobba’ee kan jiru yoo ta’u godina Baha Shaggar aanaa Zuwaay Dugdaatti waraanni faashistii PP dargaggoota Oromoo lama ajjeesuun himamee jira.
Aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Majaa Shanan jedhamu keessatti loltoonni sirnichaa Hagayya 21, 2024 dargaggoota maqaan isaanii Xaayiroo Hirkoo fi Badhaanee Haajii jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf bosonatti geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni magaalichaa eeran.
Onichatti murnoonni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun hidhaatti guuruun kaan ammoo achi buutee dhabamsiisaa fi ajjeesaa jiraachuus dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

