ONM-ABO Adoolessa 25, 2024
Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu loltoota isaa baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii ilmaan qotee bulaa Oromoo irratti labsuun manaa gadi baasee badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesaa fi dararaa hamaa ta’e uummata irraan gahaa kan jiru waraanni faashistii Abiy Ahimed, godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaatti dargaggoota lama haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuun himame.
Adoolessa 24, 2024 aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Majaa Shanan jedhamu keessaa loltoonni sirnichaa dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Xaayiroo Hirkoo fi Badhaanee Haajii jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni gandichaa eeran.
Dargaggoonni kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi hojii dhuunfaa isaanii irratti bobbaa’anii kan jiraatan ta’uun badii tokko malee manaa gadi waamuun ajjeesanii gatuu namoonni ijaan argan dubbatu.
Aanichatti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa gochaa kanaan kan walfakkaatu irra deddeebiin raawwachaa turuun yeroo ammaa hawaasni garmalee yaaddoo hamaa keessa galee jiraachuunis himameera.

