ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Godinaalee Oromiyaa adda addaatti waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Kolonel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ajjeesuun lubbuu namoota qaqqaalii ta’an danuu lafa irraa fixee duguuggaa sanyii (genocide) raawwachaa kan jiru waraanni impaayerattii Koloneel Abiy Ahimediin durfamu ammallee gara jabina guddaan uummata irratti bobba’ee jira.
Aanaa Baabboo Gambeel ganda Koomboo jedhamu keessaa guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 15, 2024 ganama barii dargaggoota maqaan isaanii Gaaddisaa fi Bahaaruu jedhaman sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.
Akka namoonni kun himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uun badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf ajjeesuu isaanii namoonni kun itti dabaluun ibsaniiru.

