ONM-ABO Hagayya 25, 2024
Murni bilxiginnaa uummata nagaa afaan qawween ukkaamsee bulchuun bartee itti ta’e, kaayyoo yeroo dheeraaf bulchuu isaa galmaan ga’achuuf hidhaa, saamicha, gubaatii manneenii, mancaatii qabeenyaa fi ajjeechaa raawwachaa jiran daran jabeessuun, gochoonni loltoonni fi ergamtoonni isaanii guyyaa guyyaan raawwatan qe’ee saba bal’aa mancaasee jira.
Hagayya 21, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo ganda Dirree Odaa fi Biyyoo jedhamu keessatti namoota nagaa ooyiruu isaanii keessaa dalagatan qabuun qaama isaanii haaduun ciicciranii ajjeesuu jiraattonni dubbatan.
Namoonni kunneenis Kadiroo Boruu, Aliyyii Uttuu fi Binoo Amaan kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni himan.
Akka jiraattotni taatee kana ijaan argan jedhanitti ajjeesuu fi du’uun haaraa miti garuu akkaataan qaamni impaayerattiin bulcha jedhu namoota ittiin ajjeesu jiraachuuf akka abdii nama kutachiisu miira gaddaan ONM’tti himaniiru.
