ONM-ABO Hagayya 28, 2024
Qe’ee uummata Oromoo hidhaa, saamicha, gubaatii fi ajjeechaan goolaa kan jiran loltoonni ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman duula isaanii jabeessuun jireenya hawaasichaa burjaajessaa jiru.
Afaaniin uummataaf dhaabbanna jechaa keessoon ammoo duguuggaa sanyii irratti loltoota bobbaasanii kan jiran qaamni ani mootummaadha ofiin jedhu yeroo ammaas hiree sabichaa hidhaa jumlaa fi ajjeefamuu taasisee jira
Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee gandoota akka Lumaa Xaaxxeessaa, magaalaa Minaaree fi Waagiddii Caffee keessatti lubbuun namaa darbuu fi hidhaan baatii dheeraa jiraattota irratti geggeeffamuu jiraattotni himan.
Ganda Lumaa Xaaxxeessaa keessaa namoonni hidhamanii jiran Asheetuu Dirribaa, Asteeruu Xilahuun, Abbuush Girmaa, Tasfaayee Shawayyee, Giraanyee Magarsaa, Zannabuu Katamaa haadha ulfa ji’a jahaa kan reebicha loltoota PP’n ulfi garaa bahe, Warqii Tolaa haadha daa’imman torbaa, Sisaay Darajjee, Abarraa Gammachuu, Gizaachoo Xaafaa, Dajanee Fayyee, Abboonash Girmaa fi Guutaa Garramaa kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneen badii tokko malee baatii dheeraaf hidhamanii akka gidirfamaa jiran beekamee jira.
Magaalaa Minaaree keessaa immoo dargaggoota maqaan isaanii Shawulee fi Kabbee Dabalaa jedhaman dabalatee namoota lakkoofsi isaanii hedduu ta’an hidhanii gidirsaa jiraachuun baramee jira.
Aanichuma ganda Waagiddii keessatti guyyaa gara guyyaatti gubaatii manneenii, hidhaa, saamicha horii fi ajjeechaan gara laafina tokko malee uummata irratti adeemaa jira jechuun dabaluun himaniiru.

