ONM-ABO Adoolessa 13, 2024
Impaayerri Itoophiyaa dararuu fi namoota qaama hir’uu taasisuun hojii isaaniif ta’e, hidhaa jumlaa godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti raawwatuun torbee tokko kana qofatti maatiin qabsaa’otaa fi namoonni shakkii waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabduun hidhaman hedduu akka ta’an ifoomeera.
Hidhaa iddoowwan adda addaatti taasifamaa jiru ilaalchisuun bilxiginnaan miidiyaan ba’ee miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo qabanneen holola afarsaa oolus, uummanni godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee ganda Baadiyyaa cufti yakka tokko malee hiraarfamaa jiraachuu dubbatu.
Namoota maqaan isaanii: Abbush Girmaa, Kabbee Dabalaa, Taaddasaa Fayyisaa, Laggasaa Baacaa, Taammiruu Shuumii, Dirribee Asaffaa fi Maskeetuu Laggasaa jedhaman ganda Qilxuu Araaraa keessaa torban kana keessa jiraattota hawaasa naannoo waliin jireenya isaanii geggeeffatan shakkamtoota godhanii hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Ajjeechaan dhoksaas akka aanichaatti raawwatamaa akka jiru kaasuun uummanni jiraachuuf illee hedduu yaadda’uu fi gara dhaqan dhabuun mana taa’anii guyyaa du’a isaanii qofa eeggachaa akka jiran ibsan.
Gama tokkoon miidiyaa irraa hirmaannaa hawaasaan WBO balleessaa jirra yoo jedhu, hawaasa keessaa ammoo maqaa WBO deggertu jedhuun namoota hedduu hidhaan dararuun yaada wal dha’aa bu’aa siyaasaaf tarkaanfachiisaa jiraachuun ni beekama.

