Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBO Zoonii Kibba Bahaatti harka kennate

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Loltoonni impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf jecha dhugaa jirtu haaluun uummata haqa isaa barbaadu karaa seera hin taaneen ukkaamsuuf murna Bilxiginnaa irraa qajeelfama fudhachuun bobbaafaman dararaan uummata irra ga’u sirrii akka hin taane hubachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 24, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa magaalaa Gaadoo jedhamtu irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko kan yeroo dheeraaf sirnicha keessa ture garee maafiyaa Bilxiginnaa ganuun WBO Cibraa Madda Walaabuutti harka kennatee jira. 

Miseensi waraana Bilxiginnaa kun qawwee AKM Turkii 1 hidhannoo guutuu waliin qabatee mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galee jira.

Akka miseensi kun kaasetti loltoonni impaayera Itiyoophiyaa tiksaa jiran tokkummaa, jaalalaa fi waliigaltee tokkos kan hin qabne ta’uu fi fedha isaanii malee dhidhiibbaa Bilxiginnaan lolaa akka jiran ifoomsee jira. 

Kana malees yeroo barsiisanitti akka waan WBO’n sabaan Oromoo hin taanee fi warri Oromoo ta’anis ergama saba biraa fudhatanii koloneel Abiy Ahimediin aangoo irraa buusuuf qawwee kaasanii bosona keessa socho’aa jiru jechuun akka kijiban hime.

Haa ta’u malee miseensotni badii siyaasa Bilxiginnaa gadi dhaabuuf Oromoo irratti adeemsifamaa jiru ilaalchisee gaaffiilee yoo gaafatan rakkoo ilaalchaa qabda jedhamuun hidhamaa, achi buutee dhabamsiifamaa, ajjeefamaa fi adabbii miindaa, akkasumas; hojii humnaa irratti geggeessaa akka jiran iccitii jiru ibse.

Gochoota Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti waraana bobbaasee raawwachaa jiru irratti hundaa’uun miseensa isaanii ta’ee hojjechuutti gaabbuun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanis qawwee fi hidhannoo isaanii waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti akka harka kennatan waamicha taasiseeraaf.

Exit mobile version