Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo magaalaa Kamiseetti loltoonni bilxiginnaa maqaa “hiriira deggersaa” jedhuun jiraattota irratti doorsisaa fi reebicha raawwatan

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

“Humnaan na jaalladhuun jaalala hin taatu” akkuma jedhamu loltoonni bilxiginnaa yeroo kufaatii isaanii amanee uummanni fuula isaanii irraa deebifatanitti dirqamaan “nu deggeraa” jechuun yeroo ammaa godinaalee Oromiyaa bakkoota adda addaatti maqaa “hiriira deggersaa” fi nagaa jedhuun uummata dararuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamiseetti waraanni faashistii PP dirqamaan “Murna Bilxiginnaa Deggeraa” jechuun hawaasa irratti reebicha raawwachuun himamee jira.

Aanota irraa gara magaalaa Kamiseetti deemanii Koloneel Abiy Ahimedii fi Shimallis Abdiisaaf hiriira deggarsaa akka taasisaniif, Hagayya 26, 2024 kara bulchitoota aanaa uummataaf bifa sodaachisaatiin waamichi godhamee kan ture.

Isaan keessaa bulchaan aanaa Harxummaa Fursee akkas jechuun uummata doorsisaa ture “guyyaa jedhame kanatti namni tokko gara hojii  dhuunfaa isaatti akka hin bobbaane hiriira deggersaa deemuu qabdu, namni hin deemne ammoo deggeraa WBO’ti  seeratti dhihaattu” jedhee dhaadachaa fi doorsisaa turuun, guyyaa  kaleessaa Hagayya 27, 2024 immoo loltoota sirnichaa uummatatti bobbaasuun “dirqamaan hiriira ba’uu qabdu” maqaa jedhuun hawaasa nagaa irratti reebichaa fi doorsisa raawwachuun dararaa ulfaataa qaqqabsiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version