Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gamtaan Awurooppaa ajjeechaa jihaadistootaa Burkinaa Faasoo keessatti raawwatame balaaleffate

ONM-ABO Hagayya 29, 2024

Gamtaan Awurooppaa haleellaa finciltoonni jihaadistootaa dhuma torbee darbee Burkina Faasoo keessatti raawwachuun namoota kurnan hedduu ajjeesun jedhan balaaleffachuu isaa itti gaafatamaan imaammata alaa gamtichaa Jooseep Boorel himaniiru.

Haleellaa kana Sanbata darbe kaaba giddu galeessa Burkinaa Faasoo ganda Barsalogoo keessatti raawwatameen namoota nagaa fi qaamoleen nageenyaa kudhanootaan lakkaa’aman ajjeesuu fi kaan madeessuu maddeen biyya keessaa himan.

Gareen Al-Qaayidaa waliin hidhata qabu kan maqaa jalqabaa Arabaa JNIM jedhamuun beekamu, gareewwan finciltootaa hedduu bara 2015 irraa eegalee saba Saahel rakkina keessa jirtu keessa socho’an keessaa tokko, itti gaafatamummaa fudhateera.

Gamtaan Awurooppaa “haleellaa shororkeessummaa” Barsaloogo keessatti raawwatame jechoota cimaadhaan balaaleffata, kunis “miidhamtoota dhibbaan lakkaa’aman, irra caalaan namoota nagaa” jechuun Booreel ibsa kennaniin dubbataniiru.

Gamtaan kun “Burkina Faasoo waliin tumsa akka qabu kan ibsu yoo ta’u, maatii namoota miidhamaniif jajjabina kan dabarsuun namoota madaa’aniifis saffisaan akka fayyan hawwii qaba,” jechuun dabalaniiru.

Haleellaan finciltoota Al-Qaayidaa fi Daa’ish waliin hidhata qabaniin gaggeeffame kun biyyoota ollaa Maalii fi Niijar raasee, kanneen kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesuu fi miliyoonaan lakkaa’aman guutuu naannichaa keessatti buqqisee jira.

Borrell akka jedhanitti, Gamtaan Awurooppaa “haalli nageenyaa biyyattii fi naannoo xiqqaa kanaa hammaataa dhufe keessatti yaaddoo cimaa qabaachuu isaa” ibsuun, jeequmsi akka hin hammaanneef tattaaffii taasifamu jajjabeessaniiru.

Barreessaan olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees “haleellaa shororkeessummaa kana cimsanii balaaleffataniiru” jechuun dubbi himaan isaanii Isteefan Dujaariik Kibxata darbe dubbataniiru.

Qindeessituun gargaarsa namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Burkina Faasoo, Kaarol Filoore-Smereziniyaak, namoota ajjeefaman keessaa hojjettoonni gargaarsa namoomaa lama akka ta’an himaniiru jechuun gabaasa AFP irraa argate Arab News gabaaseera.

Exit mobile version