ONM-ABO Hagayya 31, 2024
Gara jabeeyyiin Bilxiginnaa bara gara aangootti dhufanii kaasanii hojiilee fakkeessii fi uummata Oromoo balleessa jedhanii yaadan hojjechuun uummanni Oromoo akka abdii kutatuuf saamicha, hidhaa, gubaatii manneenii fi ajjeechaa raawwataniin cinatti ilmaan gudeeda sabichaa irraa dhalatan dirqiin butanii mooraa leenjii erga galchaniin booda hawaasichumatti bobbaasuun gochoota dabaa dalagsiisaa jiru.
Bifuma kanaanis jiraattonni godina Buunnoo Beddellee waraana seer-dhablummaan keessatti dagaage kan koloneel Abiy Ahimed akka uummata lubbuu obbaasaniif yeroo yeroon leenjisee bobbaasaa jiruun onoota adda addaa keessatti hiraarfamaa jiraachuu jiraattotni kan himatan yoo ta’u, aanaalee kanneen keessatti hawaasni gandoota baadiyyaa keessatti adamfamee ajjeefamuu fi saamamuun jireenya hadhawwaa keessatti kan argama.
Dabalataanis milishoonni guyyuu maqaa deggersa waraanaa kaffalaa jedhuun doorsisa guddaa uummaticha irraan gahaa fi waan isaan hin qabne kaffalchiisaa jiru.
Hagayya 26, 2024 irraa kaasee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cittuu Qarkaa jedhamutti namoonni hunduu deggersa waraanaaf qarshii 300 kaffaluu qabduun maallaqni harkaa guuramaa akka jiru kan himan jiraattotni, maallaqa kaffalaniin alattis hawaasa gandichaa akkaataa afoosha isaaniitiin waraanaa fi milishoota dabareen nyaata nyaachisuu qabdu jechuunis dirqisiisaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

