ONM-ABO Hagayya 30, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa ajaja qaama olii irraa isaaniif kennamu fudhatanii ilmaan Oromoo sobaan yakkuun “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhu itti maxxansanii akka malee dararuu kan hammeessan yoo ta’u, addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun haala suukkaneessaa ta’een miidhaa qaamaa irraan ga’uun butanii ija maatii duraa dhabamsiisaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti loltoonni sirnichaa dargaggoota irratti reebicha hamaa raawwachuun miidhaa irraa ga’uu itti fufanii jiru.
Aanicha araddaa Haqaan Jiraataa bakka addaa Buraanaa jedhamutti ergamtoonni bilxiginnaa milishaa fi farra riphee lolaa jedhamuun beekaman dargaggoota irratti reebicha hammeessuun, Hagayya 19, 2024 “misooma irraa haftan” jedhanii dargaggoo maqaan isaa Ahimed Aliyyii Ibroo jedhamuu fi kan ammaaf maqaan isaanii nu hin ga’in hedduu irratti reebicha hamaa raawwachuu namoonni ijaan argan ni dubbatu.
Akka jiraataan gandichaa tokko ONM’f eeretti, guutummaa aanichaatti dararaan karaa ergamtoota sirnichaan uummata irratti raawwatamu cimee itti fufuu fi dargaggoo Ahimed Aliyyii harka isaa duubatti hidhanii reebicha ulfaataa ta’e irraan geessisuun yeroo ammaa miidhamee jiraachuu isaa dubbatan.

