Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni PP dargaggoota irratti reebicha raawwachuu itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 1, 2024 

Murni bixiginnaa diina hamaa dargaggoota Oromoo ta’ee yeroo jirutti, teessuma aangoo kiyyaaf yaaddoodha jechuun lafa arge hundatti adamsee reebichaa kaasee hanga ajjeechaa suukkanneessaatti irratti raawwachaa jira.

Hodina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni PP dargaggoota irratti reebicha raawwachuu itti fufanii jiru.

Aanichatti loltoonni PP yeroo yeroon reebicha hawaasa nagaa irratti haala duraan barameen olitti raawwachuu kan itti fufan yoo ta’u, araddaa Haqaan jiraataa jedhamu irraa sababii tokko malee dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Ibsaa Jamaal,
  2. Abdii Ahimad,
  3. Hasan Mahaammad,
  4. Diinee Abdulqaadirii fi kanneen biroo hedduu  Hagayya 20,2024 maqaa “misooma irraa haftan; hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun reebicha hamaa irratti raawwachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Exit mobile version