Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti murni faashistii PP qawwee hawaasa nagaa irraa hiikuun namootas hidhe

ONM-ABO Fulbaana 5, 2024

Sunsuma jijjiiruun ittoo hin mi’eessu akkkuma jedhamu murni dantaa ofii guuttachuuf caasaa ofii jijjiiraa oolu bilxiginnaan, hojii dabaa isaa kan uummata abdii kutachiisuu fi egeree isaaniif yaadeessaa ta’e jabeessee jira.

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Borcataa jedhamuun beekamu keessatti Fulbaana 2, 2024 caasaan murna badii Bilxiginnaa hawaasa barootaaf meeshaa hidhatee humnoota isa weeraruuf bobbaafaman of irraa eegaa turee fi jiru meeshaa isaanii irraa hiikuun, warra meeshaa irraa fuudhan lama hidhaatti darbachuun beekameera.

Gandi kun daangaa saboota biroon kan wal daangessitu yoo taatu, namootni kun haleellaa fi saamicha qaamolee biroon irratti raawwatamu of irraa ittisuuf maallaqa isaaniin kan bitatan ta’us, murni bilxiginnaa  meeshaan isin hin barbaachisu jechuun meeshaa isaaniis erga irraa fuudhanii qabanii hidhuutti namootni hedduun gaddaniiru.

Jiraattotni haala kanaan meeshaan isaanii irraa guurame kunneenis maqaan isaanii Boruu Hawaas, AKM 1fi Waaqayyoo Bulii irraa SKS tokko irraa fudhamuun isaanis hidhamuun dararamaa jiru.

Uummanni Oromoo Yeroo baay’ee garbummaa abbaa irreetiin nu irratti adeemaa jirtu of irratti dagachuun tokkumaan ol kaanee falmachuu dhabuu keenyaan qe’ee keenyatti ajjeefamaa, saamamaa jirra waan ta’eef roorroo hammaateef falmachuun murteessaa dha” jechuun jiraattonni gandichaa dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Oduu biraatiin ammoo godinuma Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Hafaa Qamalee jedhamtu keessatti kaleessa Fulbaana 4, 2024 uummata dirqamaan bulchiinsa gandaa filadhaa jechuun doorsisaa turan.

Afoosha gandichaa hunda irra dukkaana dhabsiisuun qamadii manneen namootaa irraa guuranii walitti qabanii misooma qamadiin oomisha nuti arganne jechuun suuraa biratti ka’aa turuun barameera.

Kaabinoota 20 ta’an gara gandichaatti fidanis  dura taa’aa jedhamuun kan filatame magaalaa Maqiitti harkaa baduu maddeen himuun, goyyomsaa fi soba isaaniitti kolfaa turuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version