Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaalleetti waraanni maafiyaan PP abbootii Gadaa Karraayyuu irraa meeshaa hiikanii hidhuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 4, 2025 

Aanaa Fantaallee ganda Ilaalaa jedhamu keessatti Caamsaa 1, 2025 goolessitoonni waraana Abiy Ahimed akkuma aadaa isaanii ilmaan Oromoo meesha maleessa taasisuu fi harka kennachiisuuf abbootii Gadaa Karraayyuu ajjeechaa qindaawwaa jumlaan irratti raawwatan ammas bifa biroon as bahuun abbootii Gadaa Michillee irraa qawwee hiikuun hidhaatti akka darban maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Abbootiin Gadaa kunneenis baay’inaan 17 akka ta’an kan himamu oggaa ta’u, isaan keessaas kanneen maqaa arganne:

Abbaa Bookkuu Gadaa Michillee,

  1. Abbaa Kormaa,
  2. Hawaas Roobaa,
  3. Yadee Fantoo,
  4. Roobaa Jaarraa,
  5. Bulaa Diidoo,
  6. Gumbii Wadaayi fi 

kanneen maqaan isaanii nu hin geenye qabanii hidhanii akka jiran jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Akkuma waliigalaatti uummanni Karrayyuu sababa waldhabdee daangaa ollootaa hidhattoota Affaariin saamamuu fi ajjeefamuu irraa bilisaan jiraachuuf meeshaa waraanaa kan bitatan ta’us, murni Abiy Ahimed jiraachuu uummata Oromoo hin feene loltoota naannoolee ollaa itti dammaqsuun cinatti ofiis ajjeechaa irratti raawwataa jira.

Exit mobile version