Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Bahaa aanaa Gindhiir keessatti ergamtoonni PP deggersa qamadii tola uummataaf kennamu dahoo godhatanii maqaa adda addaan saamicha itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 6, 2024

Ergamtoonni bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan irree isaanii uummata Oromoo irratti  jabeessuun  miidhaa adda addaa irratti geessisuu jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Baalee Bahaa aanaa Gindhiir keessatti ergamtoonni PP deggersa qamadii tola uummataaf kennamu dahoo godhachuun maqaa adda addaa itti dhahanii saamicha cimsanii itti fufaniiru. 

Bilxiginnaan afaaniin “qamadii biyya alaattin erga” jechaa as deebi’ee ergamtoota isaa bobbaasuun aanaa sana hunda keessatti qamadii gargaarsaa karaa mootummaa Ameerikaa isaaniif kennamaa ture yoo gara hawaasaa dhufu, osoo uummanni qamadicha hin fudhatin dursanii kaffaltii gosti isaa hin beekamnee fi nagahee hin qabne itti dhahuun qarshii kuma tokko tokko jiraattota irraa saamuu itti fufanii jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version