Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Bahaa ona Laga Hidhaatti jiraattonni qamadii deggersaaf Ameerikaa irraa isaaniif dhufeef qarshii gaafatamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Oromiyaan oomisha midhaanii gosa hundaaf mijattuu taatee osoo jirtuu, sababa shiraa fi dhiibbaa murnoota gabroomfatoo abbaa irree impaayera Itoophiyaan uummanni Oromoo qe’ee isaa irratti abbaa ta’ee jiraachuu dadhabuun akka dinagdeen of danda’utti hojjetee buluu dhabee beelaa fi hoongeen miidhamee hiyyummaa keessatti kufuuf dirqamee jira.

Murni bilxiginnaa ammoo midhaan nyaataan of dandeenyeerra, qamadii alatti ergaa jirraa fi gargaarsa maqaa Itoophiyaa kennuu eegalla jechuun erga aangootti dhufee lammiilee impaayerattii goolaa, abidda irra qabaa fi guyyuu akka baalaa harcaasaa, midiyaa irraa ammoo badhaadhina faarsaa, beela waakkachaa fi gargaarsa nuuf hin kenninaa yeroo jedhu dhagaa’ama.

Haa ta’u malee Ameerikaan biyyoota adda addaaf gargaarsa qamadii kan ergitu yoo ta’u isaan keessaa tokko Itoophiyaa dha. Akka kanaanis godina Baalee Bahaa ona Laga Hidhaatti qamadii deggersaaf Ameerikaa irraa jiraattotaaf dhufe kennuuf bilxiginnaan qarshii uummata gaafataa jiraachuu maddeen himan.

 Onichatti qamadiin deggersaa yommuu jiraattotaaf dhufu tola kan uummataaf kennamaa ture yoo ta’u, PP’n immoo jalee isaa bobbaasuun dinagdee isaa itti guuttachuuf  “tola uummataaf kennuurra….” jechuun nama tokko irraa hanga qarshii 2,000 fuudhuun qamadii deggersaaf dhufe uummataaf raabsaa jiraachuu fi namni qarshii jedhame kana hin qabne deggersa qamadii sana akka hin fudhanne gochaa jiru. Kana malees namoota qarshii hin qabnu kanaan duras tola argachaa turre, amma maaltu jijjiirame jedhanii gaafatan  “deggeraa WBO’ti” jedhanii hidhaa jiraachuu jiraattonni onichaa dubbatu.

Bilxiginnaan yeroo darbes qamadii deggersa namoomaaf Ameerikaa irraa argame daaksisee gara biyya alaatti ergachuun Ameerikaa dheekkamsiisee jira.

Kana malees, PP’n onichatti uummata irra ciqilee ka’achuun  hiraarsaa hamaa ta’e irratti raawwachaa jiraachuunis eerameera. Akka jiraataan onichaa tokko jedhutti, namni tokko walga’ii uummataa irratti yaada yoo kaase, maqaa biroo itti moggaasuun kan hidhanii fi mirga isaa sarban ta’uu dubbata. Walumaagalatti, ona Laga Hidhaa  keessatti  gandoota hundatti uummanni dararaa ulfaataa keessumeessaa jiraachuun himameera.

Exit mobile version