Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mormiin 100 ol guutuu Faransaayitti Muummicha Ministeeraa haaraa mormu geggeeffame

ONM-ABO Fulbaana 8, 2024

Kaadhimamaa Misheel Barniyeer muummicha ministeeraa haaraa ta’uuf kaadhimamuu isaaniitiin guutuu Faransaayitti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman hiriira ba’aa jiru.

Sanbata kaleessaa, magaalota Paaris, Maarsee, Boordoo, Niis fi Le Mans dabalatee mormiin 100 ol gaggeeffame.

Hiriira kana kan waaman waldaa hojjettootaa fi paartilee siyaasaa yoo ta’u, kaadhimamaa mataa isaanii muummicha ministeeraa ta’uuf kan dhiyeessan Pirezidaantii Amaanu’eel Maakrooniin fudhatama dhabaniiru.

Mariisisaan duraanii Biraaziil Gamtaa Awurooppaa kan turan Mr Barniyer, namoota siyaasaa waliin mootummaa ijaaruuf banaadha jedhan.

Mormiin gara 130 ta’u kan gaggeeffamaa jiru yoo ta’u, inni guddaan Sanbata waaree booda giddugala Paaris irraa ka’eera.

Hiriirtonni kunneenis dhaadannoowwan akka “dimokiraasii haaluu” fi “filannoo hatame” jedhan fayyadamaa jiru.

Mr Barniyer Sanbata kaleessaa waaree booda hospitaala daa’immanii Paaris daawwachuudhaan kan dabarsan yoo ta’u, barbaachisummaa tajaajila mootummaa kan ibsaniiru.

Mootummaan isaanii garuu “dinqii hojjechuuf akka hin deemne” hojjettoota eegumsa fayyaatti himaniiru jechuun tamsaasni biyya keessaa  gabaaseera.

Duubbee mormii kanaan Muummicha Ministeeraa haaraan mootummaa haaraa ijaaruu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Kantiibaan Paaris kan Sooshaalistii Anne Hidalgo pirezidaantichi hojii kanaaf muummicha ministeera Soshaalistii duraanii Bernard Kazenev ilaaluun isaanii garuu paartii ofii isaaniitiin akka didame akeekaniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version