ONM-ABO Fulbaana 9, 2024
Reeffi godaantota dooniin caccabdeen bade jedhamee amanamu Dilbata kaleessaa qarqara galaana Xaaliyaanii irraa argamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Reeffi manca’e kun naannoo odola Sisilii kan fiixee kibba dhiha lafa guddittii Xaaliyaanii irraa fagaattee argamtutti argame.
Reeffi kun gara odola Xaaliyaanii kan biraa Lampedusa jedhamtuu fi gara kiiloo meetira 350 fagaattee argamtutti geeffamaniiru.
Reeffi kunneen bidiruu jalqaba torbee kanaa bishaan Liibiyaa keessa lixe keessa akka turan amanama jechuun miidiyaaleen Xaaliyaanii qondaaltota wabeeffachuun beeksisaniiru.
Roobii darbe eegdonni qarqara galaanaa Xaaliyaanii namoota torba hundi isaanii dhiirota lammiilee Sooriyaa bidiruu walakkaa lixe, kibba dhiha Lampedusa irraa fudhate.
Namoonni lubbuun hafan kun Adoolessa 1 Liibiyaa irraa ka’uu isaanii fi daa’imman sadii dabalatee namoota 28 doonii sana keessa turan keessaa 21 haala qilleensaa hamaa ta’een galaana keessatti akka kufan namoota baraartootatti himaniiru.
Namoota maqaan isaanii hin ibsamne keessaa tokko miidiyaa Xaaliyaaniif akka himanitti, ”Dilbata waaree booda Liibiyaa magaalaa Sanbata irraa kaane,” jedheera jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

