ONM-ABO Fulbaana 12, 2024
Farreen uummata Oromoo kan ta’an ergamtootni Bilxiginnaa dinagdeen impaayerattii harkatti kufuu hoggaa baran tooftaalee saamichaa garaagaraa uummachuun hattoota isaanii magaalotaa fi baadiyyaa Oromiyaa cufatti bobbaasanii Oromiyaa dirree saamichaa fi ilmaan ishee irratti dararaman erga taasisanii bubbuleera.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Fulbaana 8, 2024 konkolaataa daldaltoota magaalaa Sanbatee irraa gara Kamiseetti imalan feetee deemaa turte waraanni weerartuu PP fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun halkan toora sa’atii 2:00’tti bakka addaa Muluqqee jedhamutti konkolaataa nama maqaan isaa Sayid Imaam jedhamu dhaabsisuun qarshii haga ammaatti dalagachaa turte fidi yoo didde ni ajjeefamta ittiin jechuun maallaqa hangana jedhamee tilmamamuun nama dhibu kan inni carraaqqachaa ture cufa harkaa guurratan.
Kana malees daldaltoota konkolaataa kana irra turanis qarshii fidaa jechuun reebaa turuun ibsameera.
Akka daldaltootni kun jedhanitti saamichi loltoota murna Bilxiginnaa kanaan nu irratti raawwatamu haaraa akka hin taanee fi keessattuu halkan halkan ba’iinsa magaalaa Cirrattii fi Aartuu iddoo jedhamutti konkolaataa dhaabsisuun konkolaachisaa tumanii watwwaachisaa oolu jedhan.
Nuun ammoo meeshaa bitattanii galaa jirtan tokkoon tokkoon keessan fidaa nutti laadhaa nuun jedhu, nutis sodaa lubbuu keenyaaf jecha itti laannee boo’ichaan harka duwwaa ijoolleetti galaa jirra jechuun miira aarii fi gaddaan dabaalameen dubbataniiru.
Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo godinichuma aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Mata Horaa keessatti milishoonni Bilxiginnaa Fulbaana 3, 2024 nama maqaan isaa Huseen Sulxaan jedhamu jalaa wadala harree qarshii 6000’n bitame ooffachuun kan deeman yoo ta’u, maatiin Huseen nuti bishaan keenya fagoodha isaaf jecha jirra nu jalaa hin fudhatinaa jedhanii duukkaa fiiganis ni hidhamtu jedhanii sodaachisuun ofirraa deebisanii jalaa fudhatanii deemaniiru.

