Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni Waraana Bilxiginnaa Mooraa Diinaa Gananii Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti Dabalamuu Itti Fufan

ONM-ABO Fulbaana 11, 2024

Halkan dheengaddaa  Fulbaana 9,2024 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii  lama   qawwee AKM 2, hidhanno 2, rasaasa AKM 400, Boombii F1 4 waliin mooraa waraana faashistii PP godina aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Jiddoolaa  cabsanii ba’uun mooraa Waraana Bilisummaa  Oromoo Zoonii Madda Albuudaatti harka kennatanii jiru. 

Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo yeroo kamuu waamicha ilmaan Oromoo mooraa diinaa keesa jiraniif taasisaa jiru akkuma itti fufetti jiraachuu kan ibsan qondaalli WBO zoonichaa, ammas waamicha harmee Oromiyaa dhaga’anii mooraa dabaa fi cubbuun guutame keessaa akka ba’aniif irra deebiin waamicha dhiyeessaniiru.

Mooraan waraana Bilxiginnaa yeroo ammaa tarsiimoo dogoggoraa hoogganni isaanii taayitaa irra turuuf hordofsiisuun lola hin malleetti seenanii lubbuu dhabuu fi jibbiinsa sanyummaa gidduu isaaniitti mul’atuun ajjeechaa wal irratti fudhachaa jiran mormuun keessaa badaa jiraachuu gabaasaa turre.

Exit mobile version