ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Halkan dheengaddaa Fulbaana 9,2024 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii lama qawwee AKM 2, hidhanno 2, rasaasa AKM 400, Boombii F1 4 waliin mooraa waraana faashistii PP godina aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Jiddoolaa cabsanii ba’uun mooraa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Madda Albuudaatti harka kennatanii jiru.
Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo yeroo kamuu waamicha ilmaan Oromoo mooraa diinaa keesa jiraniif taasisaa jiru akkuma itti fufetti jiraachuu kan ibsan qondaalli WBO zoonichaa, ammas waamicha harmee Oromiyaa dhaga’anii mooraa dabaa fi cubbuun guutame keessaa akka ba’aniif irra deebiin waamicha dhiyeessaniiru.
Mooraan waraana Bilxiginnaa yeroo ammaa tarsiimoo dogoggoraa hoogganni isaanii taayitaa irra turuuf hordofsiisuun lola hin malleetti seenanii lubbuu dhabuu fi jibbiinsa sanyummaa gidduu isaaniitti mul’atuun ajjeechaa wal irratti fudhachaa jiran mormuun keessaa badaa jiraachuu gabaasaa turre.



