• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsootti, hidhaa, saamicha, doorsisaa fi hiraarfamni waraana garboomfataa PP’n jabaachuu ONM odeeffate

Sep 12, 2024

ONM-ABO Fulbaana 11, 2024

Mirgi namummaa saboota impaayerattii keessa humnaan jiraatanii haalaan kan sarbamaa jiru yoo ta’u, addatti uummanni Oromoo qaama isaaf dubbatu dhabee murna abbaa irreen hireen isaa ajjeefamuu, hidhamuu, dararamuu fi saamamuu ta’ee jira.

Fulbaana 7, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Adaahaa Gorbaa iddoo addaa Waldaa Makkaana Yesuus  jedhamutti waraanni sirnichaa bulchiinsa magaalaa Jaarsoo irraa garas imaluun, amantoota Waldichaa bakka isaan konfiraansii hafuuraa geggeeffachaa jiranitti ol itti seenuun namoota hedduu irratti reebicha raawwachuun hedduus qabanii mana hidhaatti akka darban jiraattotni ONM’tti himan.

Bilxiginnaan mirga diimokiraasii fi namoomaa hawaasaa sarbuun dhimmoota amantaa, aadaa, eenyummaa  fi duudhaa hawaasaa waan faallessan hojjechuun namootatti jireenya hadheessee jiraachuuun ni beekama.

Leave a Reply