ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Godina Baalee aanaa Gaasaaraatti haadha Oromoo tokko waranni Bilxiginnaa poolisii Oromiyaa jedhee of waamu torbee tokko dura waajjira keessatti geessuun haala suukkanneessaan miidhaa qaamaa irraan ga’uun beekame.
Impaayera Itiyoophiyaa dhala namaaf kabaja hin qabnee fi qaama nageenya eegna jedhaniin irra deddeebiin dararaan hawaasa Oromoo irra gahaa jiraachuun himame.
Naannoo Oromiyaatti waggoota jahan darbaniitti murni maafiyaa Bilxiginnaa Abiy Ahimediin durfamu duguggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa as gahe gocha gara jabinaa saba irratti jabeessaa jiraachuun ni beekama.








